Acts 7:42 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi ammoo isaan irraa garagalee, urjoota ol-gubba'aa akka sagadanuuf dabarsee isaan kenne; akkuma kitaaba raagotaa keessatti barreeffante, ‘Ee, kolbaa Israa'elii! Woggaa afurtama goomolee keessatti horii qalmaatii fi ciincaa anaaf dhikeessitanee ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba akasiini Waaqi worra yaala bahe, aka worri urji gubbaa kad'atu iti lakise, akuma kitaaba raagoota keesati t'aafani, Gosa Israeli, isani ganna afurtama lafa aloo keesati sorio naa inqalle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba Waaqii warra yaalaa ba'ee, akka Warrii urjii gubbaa kadhatu itti lakkise; akkuma kitaaba raagoota keessatti barreessanii, ‘Gosa Israa'elii, isan ganna afurtamaa lafa gammooojjii keessatti sooriyoo naa hinqalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi ammo isaan irraa gara galee urjiiwwan sami'iitii akka sagadan dabarsee isaan kenne. Kunillee akkuma Kitaaba raattotaa keessatti barreeffame, ‹isin banii Israa'elii! woggaa afurtamaa gammoojjii keessatti horii qalmaatii fi ciincaa naa dhiyeessitanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi ammoo isaan irraa garagalee urjoota sami'iitiif akka sagadan dabarsee isaan kenne. Kunillee akkuma Kitaaba raattotaa keessatti barreefame, isin banii Isiraa'elii woggaa afurtamaa gammoojjii keessatti horii qalmaatii fi ciincaa naa dhiyeesitanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni garuu isaan irraa ni fooyamee. Urjjii sami'ii'llee akka waaqeffataniif dabarssee isaan ni kenne, kun'llee nabiyyootaan akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Isin yaa namoota Israa'eelii! horii qalamee fi kitimaa woggaa afurtamaa guutuu gammoojji'itti, ka dhiyeessitan anaaf moo?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi ammoo isaan irraa garagalee, urjoota ol-gubba'aa akka sagadanuuf dabarsee isaan kenne; akkuma kitaaba raagotaa keessatti barreeffante, «‹Ee, kolbaa Israa'elii! Woggaa afurtama goomolee keessatti horii qalmaatii fi ciincaa naaf dhikeessitanee ree?