Acts 7:43 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin dunkaanii waaqa molokiitii fi, fakkii urjii waaqa Reefaan jedhamuu, harka keessaniin hujjanee, waaqonsiisaaf ba'attane. Maarre anille biyya Baabiloon irraa fagaattutti isin hin dabarsa’ jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaro waaqa Moloki jed'ani baatani, ammalle fakeenna urji waaqa keesani ka Refani jed'ani; wonti isani kad'attani suni waan harkaani boch'ani. Tanaafi anini lafa Babiloni mogaani isani baasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaroo waaqaa “Molok” jedhaniitii fi, ammallee fakkeenna urjii waaqaa keessanii ka “Reefaan” jedhan; baatan; wantii isan kadhattan sun waan harkaan bocani. Tanaaf anin lafa Baabilon irra fagaattuutti isan dabarsa.’ ”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fakii itti sagadu'uuf hojjatan, daasee «Molookii» fi fakii urjii waaqa keessanii ka, «Reemfuum» jedhamu harka keessaniin hojjattanii waaqeffattaniirtan. Kanaaf, «Anillee gara biyya Baabilooniin gamaa isin dabarsa› jedhamee barreeffameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fakii itti sagadu'uuf hojjatan, dukaanaa «Molookii» tii fi fakii urjii waaqa keessanii ka «Reemifuum» jedhamu harka keessaniin hojjattanii kaddaamtaniirtan. Kanaaf Anillee gara biyya baabilooniin gamaa isin dabarsa jedhamee barreeffameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qabddanii ka deemttan dukkaanni Moolokiiniitii fi Reefaan ka jedhamu fakkii urjjii Waaqa keessan hojjattanii ture, isaan'llee harka keessaniin hojjattanii, ni sagadaniif ka turan waaqota sobaati. Ani'llee Baabiloonii achitti akka kooluu galttan ni taasise.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin dunkaanii waaqa molokiitii fi, fakkii urjii waaqa Reefaan jedhamuu, harka keessaniin hujjanee, waaqonsiisaaf ba'attane. Maarre anille biyya Baabilon irraa fagaattutti isin hin dabarsa› jedhe.