Acts 7:48 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Ammoo Waaqi ol aanaan mana harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u; kunille akkuma raagichi,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tatule Waaqi guddaani mana harkaani mid'aasani keesa intau; aka raagi toko jed'u,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Taatuullee Waaqii guddaan mana harkaan midhaasan keessa hintaa'u. Akkuma raagii jedhuu,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ta'ullee Rabbiin maraa olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunillee akkuma raattichi,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo raattichi, ‹Samiin teessoo tiyya; laftillee ejjata luka kiyyaa ti. Mana attamii naa ijaartan? Yookiin bakki itti harabaafadhu kam? Kana maraa harka kiyyatu hojjatee mii? Akkuma jedhe; Rabbiin guddaan mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu.›
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ta'u'llee Waaqinni jiraataan mana harka namaatiin hojjatame keessa hin jiraatu, kun'llee nabiyyichi akkana jechu'uun akkuma barreesse,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ammoo Waaqi ol aanaan mana harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u; kunille akkuma raagichi,