Acts 7:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Teetuu malee Waaqi lafa haga faana miilalle isaaf hin kennine; ammoo yenna san Abrahaam ilma qabaatuu dhabulle, Waaqi lafa san isaa fi sanyii isaatiif akka kennu, waadaa galeeraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi lafa suni gaafasi ejata tokole isaa inkennine, ammo Anini siifi d'aloota kanke ka hegeri d'ufuu kenna jed'e iti kakhate ato inni ijoolle ind'alfatini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii lafa sun gaafasi ejjata tokkoollee Abrahaamii hinkennine, ammoo adoo Abrahaamii gaafasi ijoollee qabachuu baateellee, Waaqii ‘Anin lafa tana sii fi dhaloota kankee ka hegerii dhufuullee inkenna’ jedheetti kakateef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achitti lafa haga taakkuu takkattii taatuu hin kennineef. Haa ta'uu ammo uduu inni ilma hin arganne isaa fi worra isaan maayessaallee fiixaa isaatii akka ristii kennuuf waadaa galeef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achitti lafa haga taakkuu takkattii taatuu hin kennineef. Haata'uu ammoo uduu inni ilma hin arganne isaaf worra isaan maayessaallee fiixaa isaatii akka ristii kennuuf waadaa galeef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u malee qabiyyema haga ijjata miilaa gayuu hin kennineef, garuu biyya kanaa isaa fi isaan duubatti'llee fiixaa isaatiif qabiyyee taasisee akka kennuuf waadaa aseeneefii ture, waadaa kana ka aseeneef'llee, Abrahaam uduu finna hin qabatin ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Teetuu malee Waaqi lafa haga faana miilalle isaaf hin kennine; ammoo yennaa san Abrahaam ilma qabaatuu dhabulle, Waaqi lafa san isaa fi sanyii isaatiif akka kennu, waadaa galeeraayyu.