Acts 7:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi karaa kanaan Abrahaamiin, ‘Sanyiin teeti lafa ormaa keessa galtuu teetee hin leeti; achitti garboontee haga woggaa dhibba afurii hin cunqurfanti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi waan jed'eeni, D'alooti kanke lafa nyaapaa keesa taa, achiti worra boojiani haga ganna d'ibba afuri worra gaargalchani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii karaa kanaan Abrahaamiitti dubbatee, ‘Dhalootii kankee lafa nyaaphaa keessa taa' a achiitti warra garboonfatanii haga ganna dhibba afurii warra gaargalchani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbillee, ‹Fiixaan isaa biyya biraatitti galtoota akka ta'aniif, woggaa dhibba afuriif akka garboota isaan godhanii fi akka isaan rakkisan dubbate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbillee, ‹Fiixaan isaa biyya biraatitti galtoota akka ta'aniif woggaa dhibba afuriif garboota akka isaan godhaniif akka isaan rakkisan dubbate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fiixaan isaa'llee biyya alaga'aa titti koolu-galaa ta'ee akka jiraatuu fi biyya santti'llee woggaa dhibba afuriif, garba taasisanii gad qaba'aan akka bitaniin, itti himee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi karaa kanaan Abrahaamiin, ‹Sanyiin teeti lafa ormaa keessa galtuu teetee hin leeti; achitti garboontee haga woggaa dhibba afurii hin cunqurfanti.