Acts 8:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Saa'ol ijjeefamuu Isxifaanosiititti wolii gale; guyyuma Isxifaanos du'e san wolde'a kiristaanaa ka Yerusaalem keessaatitti miidhaan guddoon jalqadde. Ergantoota malee, dhugeeffattooti duudiin lafa Yihuda'aatii fi Samaariyaa keessaa duudi'itti bittannowane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sauloni ijeecha isaa Ee jed'e. Guyyuma suni gumi Waaqa ta Yerusalemu jirtu guddo gaargalchani. Duuba ergattu male gumiini taani ch'ufti lafa Yudeatiifi Samaria keesa gargari firfirfamte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba Saa'ol ijjeechaa Isxifaanos Ee'ee jedhe. Guyyuma sun gumii Waaqaa ta Yerusaalem jirtu guddoo gaargalchanii, duuba ergamtoota malee gumiin taan cuftii lafa Yihudaatii fi Samaariyaa keessa gargarii bittinnoofte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa san woldaa Kiristaanaa ta Yerusaalemiin jirtutti baqa gudda'atu ta'e. Ergamtoota malee maruu gara Yihuuda'aatii fi gara biyya Samaariya'aa faca'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa san woldaa Kiristaanaa ta Yeruusaalem jirtutti baqa gudda'atu ta'e. Eergamtoota malee maruu gara Yihuuda'aatii fi gara biyya Samaariya'aa faca'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Saa'oli'llee ajjeefamuu Isxifaanosii titti wolii galee ture, Guyyaa Isxifaanos itti du'etti woldaya amanti'ii Yerusaalemtti argamittu titti ari'ataminni ol aanaan ni ka'e, ergamittoota malee amanttoonni marrinuu gara Yihuda'aa fi gara arddii Samaariya'aa ni bittinaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saa'ol ijjeefamuu Isxifaanosiititti wolii gale; guyyuma Isxifaanos du'e san wolde'a kiristaanaa ka Yerusaalem keessaatitti miidhaan guddoon jalqadde. Ergantoota malee, dhugeeffattooti duudiin lafa Yihuda'aatii fi Samaariyaa keessaa duudi'itti bittinnowane.