Acts 8:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan ammoo Filiphoos marroo oduu gammada Mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoosii yennaa isaanitti lallabe dhage'anee, dhiiraa fi dubartooti dhugeeffatanee cuuphamane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri Filipo Odu Dansa ta Finna Waaqatiifi maqa Yeso Kristo hasau d'ageennaani d'ugefate, d'iirafi nad'eenileeni batifamte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii ammoo Filiphosii waan oduu dansaa Mootummaa Waaqaatii fi waan maqaa Yesus Kiristoo haasa'u dhageennaan dhugeeffatee, dhiiraa fi nadheeniilleen cuubamte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo waan jeennata Rabbiitii fi waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti lallabe. Isaanillee hennaa waan Filiphoos jedhe dhagayan dhiirtinii fi dubartiinillee amananii cuuphaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo waan jeennata Rabbiitii fi waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti lallabe. Isaallee hennaa waan Filiphoos jedhe dhagayan dhiirtinii fi dubartiinillee amananii cuuphaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Filiphos garuu waayee Mootummaa Waaqaatii fi waayee maqaa Yesus Kristosii dubbii mishaa gammachu'uu yeroo dhagayanitti, dhiiraa fi dubarttoonni'llee amananii ni cuuphaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ammoo Filiphoos marroo oduu gammada Mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoosii yennaa isaanitti lallabe dhage'anee, dhiiraa fi dubartooti dhugeeffatanee cuuphamane.