Acts 8:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergantooti Yerusaalem keessa jiranu, worri Samaariya'aa Jecha Waaqaa akka fudhate yennaa dhage'ane, Pheexroosii fi Yohaannis gara isaanii ergane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ergattuuni ta Yerusalemu keesa teetu aka gumiini Samaria dubbi Waaqa d'ugefatte d'ageennaani, Petrofi Yohana iti ergite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamtootii ta Yerusaalem keessa teettu akka gumiin Samaariyaa dubbii Waaqaa dhugeeffatte dhageennaan, phexrosii fi Yoh. aannis itti ergite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ergamtoonni Yerusaalemiin jiran akka namoonni Samaariya'aa dubbii Rabbii fudhatan dhagayanii Pheexroosii fi Yohaannisiin isaanii ergan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ergamoonni Yerusaalem jiran namoonni Samaariya'aa dubbii Rabbii akka fudhatan dhagayanii Pheexroosii fi Yohaannisiin isaanii ergan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ergamittoonni Yerusaalemiin ni jiran turan namoonni Samaariya'aa dubbii Waaqaa fudhachuu isaanii yeroo dhagayanitti, Phexirosii fi Yohaannisiin gara Samaariya'aa isaan ni ergan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergantooti Yerusaalem keessa jiranu, worri Samaariya'aa Jecha Waaqaa akka fudhate yennaa dhage'ane, Pheexroosii fi Yohaannis gara isaanii ergane.