Acts 8:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa Filiphoosiin, “Ka'iitii, Yerusaalem irraa karaa kibba goomolee Gaaza'aa geessu dhaqi” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani Aabbo Filipoti dubbate waan jetteeni, kai bita deemi fulla kara Yerusalemu bahe Gaza d'aqu (karaani sunini amma injiru).
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamaan Aabboo Filiphosiin dubbatee, “Ka'ii bitaa gara karaa gammoojjii ka Yerusaalemii ba'ee Gaazaa dhaquu deemi!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan Goofta'aa Filiphoosiin, «Ka'iitii gara kibbaatitti gara karaa Yerusaalemii gammoojjii Gaaza'aatitti gad geessu dhaqi» jedheen. Innillee ka'ee deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan Goofta'aa Filiphoosiin, «Ka'iitii gara bita'aatitti gara karaa Yerusaalemii gammoojjii gaaza'aatitti gadi geessu dhaqi» jedheen. Innillee ka'ee deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan Goofta'aa Filiphosiin, «Ka'iitii karaa Yerusaalemii gara Gaazaa fiduun gara kibbaa deemi» jedheen, karaan sun'llee karaa gammoojji'ii ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa Filiphoosiin, «Ka'iitii, Yerusaalem irraa karaa kibba goomolee Gaaza'aa geessu dhaqi» jedheen.