Acts 8:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Filiphoos ka'ee dhaqe; namichi guneessichi Itoophiya'aa tokkolle itti dhufe; inniin kun qabeenna giitittii Itophiya'aa ta “Kandaakee” jedhantuu irratti qondaala ture; inni Waaqa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni kae deeme. Namicha sangisisani toko jira, ka lafa Sidaama. Inni nama gudda ka hayyiti Sidaama ta Kandake jed'ani jala hojatu, ka hori isii qorqoratuufi. Inni Yerusalemu d'ufe, aka Waaqa kad'atu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan innii ka'ee deeme. Namichii sangisiisaan tokko, ka lafa Itoophiyaa itti dhufe; innii nama guddaa, ka qaallitti Itoophiyaa ta “Kandaakee” jedhan jala hojjatu, ka horii isii cufaa qorqoratuuf. Innii akka Waaqaa kadhatu Yerusaalem dhufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajaan hojjattoota mootittii Itoophiya'aa ta «Hindakee» jedhamtuu, ka qabeenna isi'ii horatu namni kun sagadu'uuf gara Yerusaalemii deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namichi qaama hormaataa hin qabne ajajaan hojjatootaa mootittii Itoophiya'aa ta «Hindakee» jedhamtu, ka qabeenna isi'ii horatu namni kun sagadu'uuf gara Yeruusaalemii deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee ka'ee ni deeme, kunoo naminni Itoophiya'aa yakkatamaan tokko Waaqaa sagadu'uuf gara Yerusaalemii deemee ture, naminni kun'llee Hidakkee ta jedhamtte mootittii Itoophiya'aatiif tajaajila'aa fi itti gaafatamaa qabeenna isi'ii mara ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Filiphoos ka'ee dhaqe; namichi guneessichi Itoophiya'aa tokkolle itti dhufe; inniin kun qabeenna giittittii Itoophiya'aa ta «Kandaakee» jedhantuu irratti qondaala ture; inni Waaqa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqeera.