Acts 8:30 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Filiphoosille gara garreettaa fardaan harkifamuu san rukkisee, guneessichi sun kitaaba raagicha Isayaasii keessaa dubbisuun dhage'ee, “Wonni ati dubbittu kun sii galaaraa?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi Filiponi gara isaa utaale, isa kitaaba raaga Isaya soomu d'agaye waan jed'eeni, Waan soomtu kana mid'aafatta?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf Filiphos gara isaa utaalee, isa kitaaba raaga Isaayas dubbiisu dhagaa'ee, “Waan dubbisuutti jirtuu kana qalbeeffattaa?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Filiphoosillee gara isaa hennaa fiige uduu inni kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisu dhagayee, «Waan dubbisa'aartu kana hubattaa?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Filiphoosillee gara isaa hennaa fiige; uduu inni Kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisu dhagayee, «Waan dubbisa'aartu kana hubattaa?» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Filiphos garasi fiigee deemeeti, naminni Itoophiya'aa kitaaba nabiyyicha Isaayaasii yoo dubbisu dhagayee, «Hiikkaan waan dubbifttuu siif ni galaa ree?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Filiphoosille gara garreettaa fardaan harkifamuu san rukkisee, guneessichi sun kitaaba raagicha Isaayaasii keessaa dubbisuun dhage'ee, «Wonni ati dubbittu kun sii galaaraa?» jedhee gaafate.