Acts 8:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Guneessichi deebisee, “Adoo nami tokko anaaf issee hin himin attaamiin hubatiisa dande'a?” jedhe. Maarre inni akka Filiphoos garreettaa fardaan harkifamu san yaabee isa bira tee'uuf waame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Akamiini dandae mid'aafad'a, yo nami na qajeelche male? Duuba inni Filipo kad'ate aka inni gaari yaabate isa woliini tau.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammoo, “Yo namii na qajeelche malee akamiin danda'ee midhaafadha?” jedhee deebise. Duuba akka innii gaarii yaabatee isa waliin taa'uu innii Filiphos kadhate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee, «Uduu nama naa ibsu hin arganne attamitti naa gala ree?» jedheen. Akka Filiphoos konkolaataa fardaa irra bayee isa woliin taa'u isa kadhate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee, «Uduu nama naa ibsu hin arganne attamitti naa gala ree?» jedheen. Akka Filiphoos gaarii fardaa irra bayee isa woliin akka taa'u isa kadhate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namichi Itoophiyichaa'llee, «Naminni ana gargaaru uduu hin jiraatin attamitti naaf galuu dandda'a ree?» jedheeti Filiiphosiin, «Guurttoo farddaa irraa bayiitii, anaan woliin taa'i» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guneessichi deebisee, «Adoo nami tokko naaf issee hin himin attamiin hubatiisa dande'a?» jedhe. Maarre inni akka Filiphoos garreettaa fardaan harkifamu san yaabee isa bira tee'uuf waame.