Acts 8:40 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Filiphoos ammoo qachaa Azooxonii keessatti dhaggamee, Oduu Gammadaa qachoota maraa keessatti lallabaa, gara qachaa Qisaariya'aa dhaqe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Filipo lafa Azototi argani; inni keesa deeme, dira ch'ufa keesati Odu Dansa odeese, Kaisarini bahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Filiphos ammoo lafa Azoxoniitti argani; biyya keessa deeme, dira cufa keesssatti oduu dansaa haasa'aa, Qiisaariin ba'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Filiphoos ammo Azaaxoonitti argame. Haga Qisaariya'aallee dhaqu'uuf deddeebi'a'aa qachaa marattuu Dubbii Nagayaa lallabe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Filiphoos ammoo Azaaxoonitti argame. Haga Qisaariya'aallee dhaqu'uuf deddeebi'atti qachaa marattuu Oduu Nagayaa lallabe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Filiphos garuu Azaaxoon keessatti ni argame, haga yeroo gara Qiisaariyaa dhufetti'llee, gara magaalota maraa deema'aa wongeela ni lallaba ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Filiphoos ammoo qachaa Azooxonii keessatti dhaggamee, Oduu Gammadaa qachoota maraa keessatti lallabaa, gara qachaa Qiisaariya'aa dhaqe.