Acts 9:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Goottaalle, “Qophoyiitii, gara karaa ‘Qajeelaa’ jedhamu dhaqiitii, mana Yudaasiititti namicha lafa Xarseesii, ka maqaan isaa Saa'ol jedhamu tokko iyyaafadhu. Inni amma daadimatiisatti jira;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabbooni waan isaani jed'e, Kai, gara Kara Qajeela jed'ani d'aqi, mana Yuda keesa, nama toko ka Saulo jed'ani, nama lafa Tarso, barbaadi. Inni Waaqa kad'achu jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aabboon isaan, “Ka'ii, gara karra ‘Qajeeltuu’ jedhanii dhaqii, nama lafa xarsee ka Saa'ol jedhan tokkoo, mana Yihudaa keessa barbaadi; innii Waaqaa kadhachuu jiraa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gooftaanillee, «Ka'iitii gara karaa, ‹Qajeelaa› jedhamu sanii deemii mana Yihuudotaa keessaa nama Saa'ol jedhamu ka biyya Xerseesii tokko soqi. Inni achitti waan Rabbiin kadhata'aaruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gooftaanillee, «Ka'iitii, gara karaa ‹Qajeelaa› jedhamu sanii deemii mana Yihuudotaa keessaa nama Saa'ool jedhamu ka biyya Xerseesii tokko soqi. Inni achitti waan faateffata'aaruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gooftaan'llee akkana jedheen, «Gara karaa Qajeelaa jedhamuu deemi, achi'llee nama Yihudaa titti Saa'ol ka jedhamu nama biyya Xersees barbaadi, inni amma kadhannaa irra jira.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaalle, «Qophowiitii, gara karaa ‹Qajeelaa› jedhamu dhaqiitii, mana Yudaasiititti namicha lafa Xarseesii, ka maqaan isaa Saa'ol jedhamu tokko iyyaafadhu. Inni amma daadimatiisatti jira;