Acts 9:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ananiiyaas deebisee, “Gootta'a, namichi kun kolbaa teet ta Yerusaalem keessa jirtu waan hantuu akka inni godheeru nami hedduun anatti himeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Ananiani waan jed'e, Aabbo, anini ya nama heddu ira waan namicha kana d'agaye, aka inni gumi tante qulqullo Yerusalemu jirtu waan hamtu tolche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Anaaniyas deebisee, “Aabboo, waan namicha kanaa anin nama hedduu irraa la dhaga'e; akka innii gumii tantee qulqulloo Yerusaalem jirtu waan hamtuu tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hannaaniyaan deebisee, «Gooftaa kiyya! Yerusaalem keessaa woyyoota irratti waan hamaa meeqaa akka godhe waan namicha kanaa namoota heddu irraa dhagayeera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hannaaniyaanillee deebisee, «Gooftaa kiyya! Yerusaalem keessaa woyyoota irratti waan hamaa meeqaa akka godhe waan namicha kanaa namoota heddu irraa dhagayeera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ananiiyaas garuu akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Naminni kun amanttoota kee ka Yerusaalemiin jiraatan irratti waan hamaa baayi'ee raawwachuu isaa, baayi'eewwan irraa dhagayee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Anaaniiyaas deebisee, «Gootta'a, namichi kun kolbaa teeti ta Yerusaalem keessa jirtu waan hantuu akka inni godheeru nami hedduun natti himeera.