Acts 9:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Goottaan Ananiiyaasiin, “Inni maqaa kiyya worra Yihudoota hin te'iniif, moototaa fi kolbaa Israa'eliitiif akka beessisu, tajaajilaa kiyya ka ani filadhe waan te'eef gara isaa dhaqi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Aabbooni waan isaani jed'e, Beeni d'aqi, anini yayu isa fohad'e, aka inni maqa kiyya gosa d'ibiifi hayyootafi ijoolle Israelile durati odeesu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aabboon ammoo, “Beenii dhaqi, anin, akka innii maqaa kiyya gosa dhibii, hayyootaa fi ijoollee Israa'elii duraatti haasa'uu, ya isa foohadhee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gooftaanillee, «Inni kun worra Yihuudii hin taane, moototaa fi ijoollee Israa'elootaa afo'otti akka maqaa kiyya baadhatuuf meeshaa naaf filatame waan ta'eef deemi.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gooftaanillee, «Inni kun worra Yihuudii hin taane, moototaa fi ijoollee Israa'elootaa afo'otti akka maqaa kiyya baadhatuuf meeshaa naaf filatame waan ta'eef deemi.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gooftaan'llee Ananiiyaasiin akkana jedheen, «Inni maqaa kiyya Ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef, nugusotaatii fi namoota Israa'eeliitiif ka beekisisu, meeshaa kiyya filatamaa waan ta'eef, gara isaa dhaqi,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan Anaaniiyaasiin, «Inni maqaa kiyya worra Yihudoota hin te'iniif, moototaa fi kolbaa Israa'eliitiif akka beessisu, tajaajilaa kiyya ka ani filadhe waan te'eef gara isaa dhaqi.