Acts 9:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Ananiiyaas deemee, mana Saa'ol jiru seene; inni harka ifii Saa'ol irra keyee, “Obboleessa kiyya Saa'ol, Goottaan Yesuus, as dhufiisatti jirtuun karaa irratti ka si'itti mudhate, akka ati deebitee dhaggituu fi Ayyaana Woyyichaan akka guutantuuf ana ergeera” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ananiani d'aqe mana olseene, harka isa ira kaye waan jed'eeni, Aadda Saulo, Aabbo Yesoni, ka kara keesati siti mullate, ya na erge, aka atini lafa agarte Lubbu Qulqullooni guutamtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anaaniyas ka'ee dhaqee mana olseenee, harka isa irra kaa'ee, “Aaddaa Saa'ol, Aabboo Yesus, ka karaa keessatti sitti mullate, ya na erge, akka atin debbitee lafa argitee Hafuura Qulqulloon guutamtu” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hannaaniyaanillee deemee mana isaa seenee harka ufii irra kaayee, «Obboleessa kiyya Saa'ol! Gooftaan ka karaa ati deemtutti sitti mudhate Yesuus, akka ati argituu fi akkasuma akka Ayyaana Woyyu'uun guuttamtuuf na erge» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hannaaniyaanillee deemee mana isaa seenee harka ufii irra kaayee, «Obboleessa kiyya Saa'ool, Gooftaan ka karaa ati deemtutti sitti mudhate Yesuus, akka ati argituu fi akkasuma Ayyaana Woyyu'uun akka si guutuuf na erge» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Ananiiyaas garasi deemee gara manaa inni turee ni aseene, harka isaa'llee Saa'oliin irra kaayee, «Obboleessa kiyya yaa Saa'ol! Garana yoo dhufttu karaa irratti ka sitti muldhate Gooftaan Yesusiin deebitee argu'uuf akka dandeettuu fi Hafuura Qulqulluun'llee akka sitti guutuuf, gara kee ana ergee jira» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Anaaniiyaas deemee, mana Saa'ol jiru seene; inni harka ifii Saa'ol irra keyee, «Obboleessa kiyya Saa'ol, Goottaan Yesuus, as dhufiisatti jirtuun karaa irratti ka si'itti mudhate, akka ati deebitee dhaggituu fi Ayyaana Woyyichaan akka guutantuuf ana ergeera» jedhe.