Acts 9:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worra karaa Gootta'aa hordofu dhiiraa fi dubartiille yoo dhagge, hidhee gara Yerusaalemii fidiisaaf akka dande'u, xaleyaa gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa ka Damaasqootti akka isaaf barreessu, Hayyicha Guddaa gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
tatabe isa iraa fud'ate, ta gara maneeni Waaqa iti kad'atani dira Damaskiti t'aafani, aka yo nama Kara Aabbo gula yau achiti arge, d'iirafi nad'eenile, hid'e Yerusalemu geesu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
ergaa, gara manneen Waaqaa itti kadhatanii ta dira Damaasqootti barreessan, isa irraa fudhate; akka yo nama karaa Aabboo gula yaa'uu achiitti arge, dhiiraa fi nadheeniillee, hidhee Yerusaalem geessu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhiiraa fi dubartoota worra Goofta'atti amanan yoo arge hidhee akka fiduuf xalayaa gara mana sagada Yihuudota Damaasqo'ootitti akka isaaf barreessu bulchaa gadootaa gaafate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra Goofta'atti amanan dhiiraa fi dubartoota yoo arge hidhee, akka fiduuf xalayaa gara mana sagada Yihuudota damaasqo'ootitti akka isaaf barreessu bulchaa gadootaa gaafate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Karaa Goofta'aa'llee namoota horddofan dhiiraa fi dubarttoota'llee yoo arggatu, hidha'aa gara Yerusaalemii fidu'uuf xalayaan isa danddeessisu, bakka wolgayiiwwan Damaasqoo Kristosiitiif barreeffamanii akka kennamuuf, itti gaafatamoota qeesotaa ni gaafate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra karaa Gootta'aa hordofu dhiiraa fi dubartiille yoo dhagge, hidhee gara Yerusaalemii fidiisaaf akka dande'u, xalayaa gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa ka Damaasqo'oo akka isaaf barreessu, Hayyicha Guddaa gaafate.