Acts 9:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri isa dhage'e duudiin baasseffatee, “Inni Yerusaalem keessatti worra maqaa Yesuusii waamu ka balleessaa turee motii? Ammalle inni isaanuma hidhee gara Mootota hayyootaa geessisaaf asi hin dhunnee?” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami isa d'agaye ch'ufti mame waan jed'e, Kunini namicha nama maqa kana yaamatu, Yerusalemu keesati, ijeese kaaniyu? Ammalle wonti inni d'ufeefi, aka nama hid'e gara qaalole gugurdo geesu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii isa dhaga'e cuftii ammoo mamee, “Namichii kunin ka Yerusaalem keessatti, nama maqaa kana yaamatu, balleesse kaaniiyuu? Ammallee wantii innii dhufeef, akka nama hidhee gara qaallolee gugurdoo geessuufiinii?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri dhagayan maruu maalalfatanii, «Namni kun ka Yerusaalemiin keessatti worra maqaa Yesuusii waamu balleessa'aa tureemii? Ammallee hidhee gara bulchoota gadootaatitti isaan fidu'uuf dhufee?» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri dhagayan maruu maalalfatanii, «Kun Yerusaalemiin keessatti worra maqaa Yesuusii waamu nama balleesa'aa tureemii? Ammallee hidhee gara bulchoota gadootaatitti isaan fidu'uuf dhufee?» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worri dhageeffataniin marrinuu'llee, «Naminni kun Yerusaaelmitti worra maqaa kana waaman maraa ni balleessa ka turee mitii? Garana'llee ka dhufeef isaan hidha'aa, gara itti gaafatamoota qeesotaa fiduufii mitii?» jechu'uun, ni maalalan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri isa dhage'e duudiin baaseffatee, «Inni Yerusaalem keessatti worra maqaa Yesuusii waamu ka balleessaa turee motii? Ammalle inni isaanuma hidhee gara sooreyyii hayyootaa geessiisaaf as hin dhunnee?» jedhane.