Acts 9:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barnaabaas ammoo isa fuudhee gara ergantootaa geessee, karaa irratti Goottaan attamiin akka isa dhaggee fi attam akka itti dubbate, akkasuma Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin sodaa malee akka inni lallabe isaanitti hime.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Barnabani isa fuud'e gara jara Yesotiini d'ufe. Aka Sauloni Aabbo kara keesati arge, aka Aabbooni isaani dubbate, ammalle aka inni Damaski keesati soda male maqa Yeso hasae worrati hime.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Baarnaabaas ammoo isa fuudhee gara jara Yesusiitiin dhufee, Akka Saa'ol Aabboo karaa keessatti arge, akka Aabboon isaan dubbate, ammallee akka innii Damaasqoo keessatti sodaa malee maqaa Yesus haasa'ee warraatti hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Barnaabaas ammo fuudhee ergamtoota bira seensisee attamitti akka Gooftaan isa argee fi attamitti akka itti mudhate, Damaasqo'ottillee maqaa Yesuusiitiin attamitti uggee akka dubbate isaanitti odeesse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Barnaabaas ammoo fuudhee ergamoota bira seensisee attamitti akka Gooftaan isa argee fi itti dubbate Damaasqo'ottillee maqaa Yesusiitiin uggee attamitti akka dubbate isaanitti odeesse.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barnaabaas garuu Saa'oliin gara ergamittootaa dhiyeesseeniiti, karaa irraa yeroo jirutti Gooftaan attamitti akka isatti mulidhatee fi akka isaa dubbise, Damaasqotti'llee maqaa Yesusiitiin attamitti uggiinssaan akka barsiisee, isaanitti ni hime.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baarnaabaas ammoo isa fuudhee gara ergantootaa geessee, karaa irratti Goottaan attamiin akka isa dhaggee fi attam akka itti dubbate, akkasuma Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin sodaa malee akka inni lallabe isaanitti hime.