Acts 9:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba wolde'i kiristaanaa ka Yihudaa, Galiilla'aa fi Samariyaa keessa jiranu duudiin nageya dhaggatanee jabaatane; Goottaalle ulfeessaa, Ayyaana Woyyichaan jajjabaataa, lakkossaan heddatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani gumiini Waaqa Yudeafi Galilayafi Samaria keesa nagaya argate eebifamte, Aabbo Waaqa sodaate qarqaarsa Lubbu Qulqullotiini jabaatte heddatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan gumiin Waaqaa Yihudaa, Galiilaa fi Samaariyaa keessatti nagaa argatee, eebifamtee; aabboo Waaqaa sodaatee, qarqaarsa Hafuura Qulqullotiin jabaattee heddatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tokkummaan woldaa kiristaana Yihuuda'aa, Galiila'aa fi Samaariyaa jiran maruu nagayaan jiraata'aa, cima'aa, sodaa Rabbiitii fi Ayyaana Woyyu'uun jajjabaata'aa baay'innaan guddata'aa deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Tokkummaan woldaa kiristaana Yihuuda'aa, Galiila'aa fi Samaariyaa jiran maruu nagayaan jiraata'aa, cima'aa, sodaa Rabbiitii fi Ayyaana Woyyu'uun jajjabaata'aa baayi'innaan guddata'aa deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yihudaa, Galiila'aa fi Samaariyaa mara keessa woldeenni amanti'ii ta jirttu nagaya ni argatte, ni jabaatte'lle'e, Gooftaa ulfeeffata'aatii fi Hafuura Qulqulluun'llee jajabaata'aa laakkofssaan'llee ni guddatte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba wolde'i kiristaanaa ka Yihudaa, Galiilla'aa fi Samaariyaa keessa jiranu duudiin nageya dhaggatanee jabaatane; Goottaalle ulfeessaa, Ayyaana Woyyichaan jajjabaataa, laakkossaan heddatane.