Acts 9:36 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Qachaa Yophee keessa dubartittiin dhugeeffattuun, Xaabiitaa jedhantu takka jirtiiyyu. Maqaan isi'ii afaan Giriikitiin Dorqa'a; hiikkaan, “Buddannee” jechu'u. Isiin yennaa mara hujii dansaa hujaa, hiyyeeyyii qarqaaraa turte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dira Yafa keesa, niiti d'ugefatte tokoti jira, ta Tabitha jed'ani, yokhaani Dorkasi, akasi jechaani Guguufto jechu. Niitiini tunini waan dansa heddu tolchite hori hiyyeeyi kennite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dira Yophee keessa, niitii dhugeeffatte ta Xaabiitaa jedhan, takkaatti jira; maqaan isii afaan Griikiitiin “Dorkaas” akkasi jechuun, Guguuftoo jechuu. Niitiin tunin yo cufaa waan dansaa tolchitee horiillee hiyyeeyyii kennite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyoopheellee darasaa Xabbitaa jedhamtu takkatu jira; afaan Giriikiitiin maqaan isi'ii «Dorqa'a» Dorqaa jechuun, «Kuruphee» jechu'u; isiin ta waan mishaa uf keessaa qabduu fi ta kennaallee kennitu turte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Iyoophe'ettillee darasaa Xabbitaa jedhamtu takkatu jira; afaan Giriikiitiin maqaan isi'ii «Dorqa'a» Dorqaa jechuun «Kuruphee» jechu'u; isiin ta waan mishaa uf keessaa qabduu fi ta kennaallee kennitu turte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Iyyoophee'llee Xaabiitaa ta jedhamttu amanttuu takkatu jira ture, hiikkaan maqaa isi'ii'llee afaan Giriikiitiin Dorkaas hiikkaan isaa'llee kuruphee jechu'u, isiin'llee waan mishaa raawwachu'uu fi hiyyeesotaa arjjoomuu, hujii isi'ii ka yeroo maraa ta taasffatte ni turtte,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qachaa Yophee keessa dubartittiin dhugeeffattuun, Xaabiitaa jedhantu takka jirtiiyyu. Maqaan isi'ii afaan Giriikiitiin Dorqa'a; hiikkaan, «Buddannee» jechu'u. Isiin yennaa mara hujii dansaa hujaa, hiyyeeyyii qarqaaraa turte.