Acts 9:38 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Liidaan Yophe'etti dhikoo waan teetef, dhugeeffattooti Pheexroos Liidaa keessa akka jiru yennaa dhage'ane, nama lama gara isaa erganee, “Maganne'ee ariifadhuutii gara keenna koyi” jedhanee kadhatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan diri Lidiani Yafati d'iaattuufi, jari Yeso aka Petroni achi jiru d'ageennaani, nama lama isati erge waan jed'e, Hurrisi gara keenna kooti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan dirii Liidaa Yopheetti dhi'aattuuf, jarii Yesus akka Phexros achi jiru dhageennaan, nama lama isaatti ergee, “Hurrisii gara keenna kootti” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Liidaan Iyyoophe'etti dhiyoo waan taateef darasoonni akka Pheexroos achi jiru dhagayanii nama lamaa isatti erganii, «Maal dafii nutti koottu» jedhanii kadhataniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Liidaanillee Iyoophe'etti dhiyoo waan taateef darasoonni akka Pheexroos achi jiru dhagayaanii nama lamaa isatti erganii, «Maal dafii nutti koottu» jedhanii kadhataniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Liidaan Yophe'etti dhiyoo waan turtteef ergamoota Yophee jiran, Phexiros Liidaa akka jiru dhagayanii, «Yabo'oo uduu hin turin nu dhaqab» jedhanii, namoota lamaa itti ni ergan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Liidaan Yophe'etti dhikoo waan teeteef, dhugeeffattooti Pheexroos Liidaa keessa akka jiru yennaa dhage'ane, nama lama gara isaa erganee, «Maganne'ee ariifadhuutii gara keenna koy» jedhanee kadhatane.