Acts 9:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Pheexroos ka'ee isaan woliin deeme; yennaa inni achi geye, gara kolloo mana gubbaa jirtuu isa geessane. Haadhotiin hiyyeessaa duudiin isatti naannowanee, hidho'oo fi uffana Dorqaan jiru'uun yennaa jirtu hojjatte itti mudhisaa booyane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Petroni kae worra woliini deeme. D'umnaani mana oli isa geesani. Nad'eeni d'iirsi iraa due isa bira ejaanjatte boote, ubaarafi woya Dorkasini gaafa jirtu hod'ite garsiifte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Phexros ka'ee warra waliin deeme. Innii dhumnaan gara mana olii isa geessani. Nadheen dhiirsotii irraa dhumti cuftii isa bira ejaajjattee boottee, ubbaara fi wayaa Guguuftoon gaafa jirtu warraa hodhite garsiifte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroosillee ka'ee isaan woliin dhaqee hennaa inni achi gaye gara gamo'oo ol baasanii haawwotiin hiyyeessaa maruu booya'aa waan Dorqaan hennaa isaan woliin jirtu gooteef Shinshini'ii fi uffata isiin uffattu maraa isatti mudhisa'aa afoo isaa dhaabatanii booyan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroosillee ka'ee isaan woliin dhaqee; hennaa inni achi gaye, gara gamo'oo ol baasaanii haawwotiin hiyyeessaa maruu booya'atti waan Dorqaan hennaa isaan woliin jirtuu gooteef Shinshini'ii fi uffata isiin uffattu maraa isatti mudhisa'aa afoo isaa dhaabatanii booyan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Phexiros ka'ee ergamootaan woliin ni dhufe, Yeroo achi gayetti'llee, gara kutaa mana wol irraa jiruu ni fidaniin, dubarttoonni abbaan worraa irraa du'an marrinuu naanaya isi'ii dhaabatanii booya'aa, Dorkaas yeroo isaan woliin lubbu'uun jirttutti shinshiniiwwan hojjattee fi uffatoota ni mulidhisan ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Pheexroos ka'ee isaan woliin deeme; yennaa inni achi geye, gara kolloo mana gubbaa jirtuu isa geessane. Haadhotiin hiyyeessaa duudiin isatti naannowanee, hidho'oo fi uffana Dorqaan jiru'uun yennaa jirtu hojjatte itti mudhisaa bowane.