Acts 9:40 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Pheexroos isaan duudii kollo'oon alatti yaasee, jilbiiffatee daadimate; achiin duuba gara reeffaa gara galee, “Xaabiitaa, ka'i!” jedhe. Isiin ila ifii banattee, Pheexroos yennaa dhaggite ol jettee teette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Petroni worra ch'ufa mana keesaa yaase, jilbifate Waaqa kad'ate, gara reefa ilaale waan jed'e, Tabitha, kai! Isiini ila banatte, Petro arginaani kaate teete.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phexros ammoo warra cufa mana keessaa yaasee, jilbifatee Waaqaa kadhatee, gara reeffaa ilaalee, “Xaabiitaa, ka'ii!” Jedheen. Isiin ila banattee, Phexros arginaan kaatee teete.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroosillee isaan maraa gara diidaa baasee, jilbiiffatee Rabbiin kadhata'aa gara reeffaa laalee, «Xabbitaa, ka'i!» jedheen. Isiinillee ija ufii banattee hennaa Pheexroosiin argite ol kaatee teette.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroosillee isaan maraa gara diidaa baasee, jilbiinfatee Rabbiin kadhata'aa gara reeffaa laalee, «Xabbitaa, ka'i!» jedheen. Isiinillee ija ufii banattee hennaa Pheexroosiin argite ol kaatee teette.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros garuu maraayyuu gara alaa baaseeti jilbbiiffatee ni kadhate, gara reeffaa'llee garagaleeti, «Xaabiitaa! Ka'i!» jedhe, isiin'llee ija isi'ii ni banatte, Phexirosiin'llee ni argite, kaatee'llee ni teette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Pheexroos isaan duudii kollo'oon alatti yaasee, jilbiiffatee daadimate; achiin duuba gara reeffaa gara galee, «Xaabiitaa, ka'i!» jedhe. Isiin ila ifii banattee, Pheexroos yennaa dhaggite ol jettee teette.