Acts 9:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Saa'olille, “Gootta'a, ati eennu?” jedhee gaafate. Qoonqoolle, “Ani Yesuusii ati miitu;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Aabbo, atini eennu kana? Aabbooni waan jed'eeni, Anini Yeso kauma atini gaargalchitu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammoo, “Aabboo, atin eennuu kanaa?” jedhe. Aabboon deebiseefii, “Anin Yesus ka atin gaargalchitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saa'ol, «Gooftaa kiyya! Ati eennu?» jedheen. Innillee, «Ani Yesuusii ati ariitu; woraana kana yoo mormite sitti jabaata» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Gooftaa kiyya! Ati eennu?» jedheen. Innillee, «Ani Yesuusii at ariitu; worrana kana yoo mormite sitti jabaata»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Saa'oli'llee, «Yaa Gooftaa! Ati eennuu?» jedhe, inni'llee. «Ani ka ati ariitu Yesus,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saa'olille, «Gootta'a, ati eennu?» jedhee gaafate. Qoonqoolle, «Ani Yesuusii ati miitu;