Amos 1:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Worri Edomu ya maro heddu ch'ubbu hojate, tanaafi anini nyaapa worra iraa ind'owu, iti lakisa. Wonti akanatiifi worri oboleyaani isaani ta Israeli naasu d'abeefi woraanaani reebe. Dallansuuni worraa haga inqabdu, iraale ingaltu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Baniin Eedoomii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan obboleewwan ufii worra Israa'elii guraade'een ari'aaniiran; haga qabaniin maayessallee garaa isaanii hin laafne; lolli isaan irra jiru hin qabbanoofne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Worri Edoomii obboleeyyan ifii Israa'eloota, marartii malee shallaaga'aan waan ari'aneef, aariin isaanii yennaa mara isaan irratti waan bobeetteef, mufiin isaanii haga bara baraa waan teeteef, ani isaan hin adaba.