Amos 1:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Worri Tiro ya maro heddu ch'ubbu hojate, tanaafi anini nyaapa worra iraa ind'owu, iti lakisa. Wonti akanatiifi worri gosa toko, ta qara wold'aqani oboleesa woli taani, dabse harka worra Edomu ka nyaapa worrati kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Baniin Xiroosii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan waadaa obbolumma'aa ka galan diiganii banii booji'an dabarsanii worra Eedoomiitii kennaniiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Worri qachaa Xiiroosii gondooroo obbolumma'aa diiganee, kolbaa booji'ane mara worra Edoomiititti dabarsanee kenniisaan itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef, ani isaan hin adaba.