Amos 2:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri nama lalaafa woma indandeenne ira ejaanjate mamach'arse, hiyyeesale darbe kara iraa gorsa. Abbaafi ilmi intala takaani rafani, akanaani maqa kiyya qulqullo t'ureesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan worra dadhabanii fi worra gargaarsa hin qabne daaraa keessatti kuffisanii mataa isaanii dhidhiitan; hiyyeeyyii darbanii kara'aa dhooggan; abba'aa fi ilmi dubartii takkatti seebaran; hujii isaanii kanaan maqaa kiyya woyyuu batteessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan mataa worra hiyyeeyyi'ii bukuu irratti irra sirban; worra cunqurfameef muraa haqaa hin kennanu; abba'aa fi ilmi dubartii takkaa woliin sagaagaliisaan maqaa kiyya woyyicha batteessan.