Amos 4:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi Guddaani qulqullooma ufiitini kakhate waan jed'e, Guyyaani ind'ufa, ka isani ch'ufa akuma qurt'umi hookooni hirkisani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Rabbi Gooftaan woyyummaa ufiitiin, «Isin akka waan hookkoo sibiilaatitti hidhanii fuudhanii deemaniiniititti hennaan itti fuudhanii isiniin deeman hin dhufa; isin irraa jalqabee haga dhumaa worri turanuu akka qurxummii hookkoo sibiilaatiin qabanii fuudhanii deemanii isaaniin deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan Mootiin Waan Maraa woyyummaa ifiitiin kakatee, «Guyyaan isin malxaqqo'oon harkifantanu hin dhufa; worri isin keessaa hafanelle malxaqqoo qurxummi'iitiin hin harkifaman.