Amos 4:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini ammalle bokaya sila mid'aani keesani bilcheesu buu d'owe dira toko bokaya roobe ka d'ibi d'owe. Bokayi oobru tokoti roobe, ammo ta d'aatu bokaya d'abde goddi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu badheessi qonnaa hin geenne ji'a sadihiin dura akka roobni dhaabatu godhe; qachaa tokko keessatti hennaa roobu qachaa biraa keessatti akka hin roobne dhoogge; maasaa tokko irratti hennaa roobu maasaan biraa rooba dhabee goge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Midhaan galfatiisaaf jiin sad adoo jiruu bokkeya isin irraa dhoogge; qachaa tokkotti bokkeenni akka roobu, qachaa kaanitti bokkeenni akka roobuu hin dandeenne godhe. Fichaan tokko bokkeya qaba; fichaan dhibiin bokkeya dhabee goge.