Amos 5:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani hiyyeesa dabsitani mid'aani iraa saamtani. Tanaafi ato isani mana d'akha mimid'aaga jaarattanile, keesa inteetani; ato isani zabibu oobrattanile, daad'i iraa argattani ind'uddani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin hiyyeeyyii gad qabdanii midhaan gabbarsiiftanii dhagaa bocameen manniin ijaarattaniirtan; ufii garuu keessa hin jiraattan; woyinii nama gammachiisu dhaabdaniirtan; garuu daadhii woyini'ii ka isa irraa argamu hin dhuddan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin worra hiyyeeyyii cunqursitan; hunnaan akka isaan midhaan kennanu gootan. Tanaaf, isin dhakaa bocameen mana ijaarrattanulle, achi keessa hin leetanu. Isin muka woyni'ii ka isin gammachiisu dhaabattanulle, daadhii woyni'ii irraa hin untanu.