Amos 5:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Diri Israeli toko askarti kuma toko duula erga, ammo ta galtu d'ibba toko ch'alla; diri d'ibileeni askarti d'ibba toko duula erga, ammo kud'ani ch'allati iti gala.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Gooftaan akkana jedha, «Qachattii Israa'elii takka keessaa loltoota kumatu duula; worri lubbu'uun jiraatan ammo dhibba tokko; qachaa biraa keessaallee loltoota dhibbatu duula; achi keessaa kudhan calla'atu uf irra deebi'a.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Qachaan guddichi Israa'elii ka loltoota kuma duula baase, isaan keessaa loltoota dhibba qofatti isaaf hafa. Qachaan loltoota dhibba duula baase, isaan keessaa loltoota kudhan qofatti isaaf hafa» jedha.