Amos 5:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi urji mid'aase, Torbaanifi Arba Gaadule. Inni dukana sippe guyyaase, guyyale halkani tolcha. Inni bisaani baariini gayaame lafa godduti naqa. Maqaani isaa AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Tuuta urjiiwwan torbaa ka, «Piliyaadis» jedhamuu fi urjiiwwan heddu ka, «Ooriyoon» jedhamu uume, ka halkan gara guyya'aa, ka guyyaa gara halkanii jijjiiru, ka bisaan galaanaa ajajee akka lafa irratti jigu godhu, worra jajjaba'aa fi ka kusheewwan isaanii diigu isa; maqaan isaa Rabbi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Urjoota, «Torbii » jedhamanu ka dade, urjoota, «Sadee » jedhamanulle ka dade, dukkana gara ifa guyya'aa, guyyaalle dukkaneessee gara halkanii ka jijjiiru, bisaan abbaaya'aa waamee, lafa irra akka lola'u ka godhu, maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti!