Amos 6:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargala keesani worra Sioni keesa machiini tau, ammalle isani ka gaara Samaria ira teetani lafa teesani nagaya seetani — isani worra gugurda, ka gosa Israeli guddo tana, ta biyyiti qarqaarsa iraa barbaaddu!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin Israa'elii gargaarsa barbaadanii gara bulchoota ufii dhufan; isaan ammo Tsiyoonii irratti waan bashannana'aa taa'aniif gaara Samaariya'aa irrattillee waan sodaa malee jiraataniif bulchoota beekkaman kanniinii hobbaas!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Xiyoon keessa qananumma'aan leetanu, ka bidhaa malee gaara Samaariya'aa irra teettanu, worri kolbaan Israa'elii qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keessan dhufanu, isin qondaaltoti gosa worra gosa biyya adda addaa taan ka caaltanu worri ifi seetanu isiniif aanne'e!