Amos 6:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami fiit'a nama due suni, ka huji awaala isaa harkaa qabu, reefa isaa baate mana keesaa baheeni nama mana keesati hafe yaame waan jed'uuni, Nami eegeti si woliini hafe injira? Duuba nami hafe kaani waan jed'uuni, Hiyo, tokoleeni injiru. Jennaani namichi fiit'aa kaani waan jed'uuni, Afaani qabad'i, nu maqa AABBO Waaqa d'aule himmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni firaa ka worra du'aniitii fi namni seera awwaalaa raawwatu reeffa manaa baasee fudhata; inni hennaa san nama mana san keessatti hafe tokko waamee «Si woliin namni biraa ka hafe jiraa?» jedhee gaafata; namichillee «Eennullee hin hafne!» jedhee deebisaaf; ka gaafatu sunillee «Maqaa Rabbii waamuun waan nu hin barbaachifneef cadhis!» jedhaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Firri aanti'ii ka nama du'ee sun mana keessaa fuudhee reeffa awwaaliisaaf yoo dhufe, nama mana keessatti dhokateeruun, «Nami dhibiin si woliin jiraa?» jedhee gaafata; nami sunille, «Hin jiru» jedhee deebisa; nami fira aanti'ii sunille, «Cadhisi! Maqaa Mootii Waan Maraa dhowuu hin qannu» hin jedha.