Amos 6:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Worra Israeli, anini askarti gosa d'ibi isaniti erga, ta lafa teesani fud'attu, duuba worri haga Kaarra Hamathi gami mirga haga Bale Araba gama bitaa isani dabse isani balleesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi banii maraa akkana jedha, «Banii Israa'elii! ani banii biraa ka hunna qabu isinitti kaasa; inni karra seensa Haamaatii ka gara kaabaatii jalqabee gara kibbaatiin haga dhooqa Arabaa ceeyee isin rakkisa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u, «Ee kolbaa Israa'elii, ani kolbaa takka isin irratti hin kaasa; kolbaan sunille gara Kaabaatiin seensuma qachaa Haamaatii irraa jalqaddee, gara kibbaatiin haga dhooqa Arabaatitti isin hin cunqursiti» jedha.