Amos 6:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dira Kalne d'aqa, ilaala; duuba arti yaa, dira Hamathi gudda d'aqa; ammalle arti yaa, dira Gathi, ka lafa Filisti keesa jirule, d'aqa. Worri suni worra Yudatifi ka Israeli kana ira jajaba? Lafti worraa lafa teesani ira guddo?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin mee gara qachaa Kaalne'ee deema'aatii laalaa'a; achillee lufa'aatii gara qachaa guddittii Haamaat jedhamtee waamamtuu fi gara qachaa Gaatii worra Filisxeemii dhaqaa'a; isin isaan caaltanii? bulchiinsi keessan bulchiinsa isaanii caalaa?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gara qachaa Kaalnee dabara'aatii ilaala'a; achille'ee gara qachaa guddaa, «Haamaat» jedhamuu dhaqa'a; achiin duuba gara qachaa Filisxeemotaa gara qachaa Gaatii gad bu'a'a. Isaan mootummoota teessan lamaan hin caalanuu ree? Yookiin latti isaanii lafa teessan caalaa hin badhattuu ree?