Amos 7:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi Amazia, AABBO Waaqi waan siini jed'u. Niitiini tante dira kana keesa sharmut'a taate, ilmaani tante goraadeeni fit'ani. Lafa tante qoodani biyyaa kennani, atileeni lafa nama Waaqa imbeenneti doota. Ammalle worra Israeli boojiani lafa d'ibiti geesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Ameesiyaas! «Rabbi waan keetiif ‹Haati manaa tee qachaa keessatti seebarti; ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa lolaan du'an; ristii keellee worri ormaa haada itti buufatanii adda qoodaman; atillee worra Yihuudii hin taane keessatti duuta; baniin Israa'elii mamii malee biyya ufiitii fudhataman› jedha» jedhee deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Haati manaa teeti qachaa keessatti sagaagaltittii hin teeti; ilmaan teetii fi durri teeti shallaaga'aan hin du'an. Lafa teeti wodaro'oon mikanee hin qoodaman; atille lafa worra Yihudoota hin te'inii keessatti hin duuta; kolbaan Israa'eliille dhugumaan biyya ifiitii booji'antee hin ideenti› jedha» jedhe.