Amos 8:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini jila teesani boha tolche sirba keesani ka gammada faaru bohaa tolcha. Anini mata keesani isani haadachiise ch'arqi hid'aanati isani naqa, duuba isani worra ilma ufii tokocha due bohu fakaattani. Guyyaani sunini haga muumme laalala jabdu qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gammachuu ayyaana woggaa keessanii gaddatti, sirba keessan gara booyichaatitti jijjiira; akkuma maatiin mucaan tokkochi qaban jalaa du'ee booyan akkasuma akka isin rifeensa mataa keessanii haadattanii uffata gaddaa uffattan godha; dhumti guyyaa sanii hadhaayaa ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jila teessan ta wogga'aa gara gaddaatitti, faaruun teessan gara bowaatitti hin jijjiira. Ani akka isin woyaa gaddaa uffattanu, mataa keessanille akka haadattanu hin godha. Akka bowa worra ilmi tokkochi qabanu irraa du'ee, dhuma guyyaa sanii ka hadhowe hin godha» jedheera.