Amos 9:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini AABBO Waaqa, ka d'aatu fulla sorio iti qalani eju arge. Inni waan jed'e, Fiit'e utuba Mana Waaqaa d'ai, aka mikhikili balbalaa chochou. Utuba suni fiit'e iraa ch'ach'absi, aka fiit'eeni suni nama arti jiru ch'ufa ira jiddu. Duuba anini nama hafe kaani ch'ufa goraadeeni balleesa, tokoleeni na dura bahe imfiigu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani Rabbiin ka hulee ciinca'aa dhaabateeru arge; inni akkana jedhee ajaje, «Haga huleen utubaa mana woyyu'uu raafamutti ginnoo mana woyyu'uu dhayii caccabsii akka sammuu namootaa irratti diiggamee kufu godhi; worra achi irraa hafan ammo ani guraade'een fixa; eennullee dheessee jalaa bayuu hin danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Goottaan addee ciinca'aa bira dhaabbateeruun dhagge; innille, «Hundeen akka raafamu guutuu utuboota Galma Waaqaa dhowiitii mataa namootaa irratti caccassi. Worra kana irraa hafane ani shallaaga'aan hin ijjeesa; isaan keessaa eennulle dande'ee hin dheetu; ka jalaa miliqu hin jiru.