Amos 9:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Isani worra Israeli naa worra lafa Kushi ira injirtani, isani worraani wolqit'e. Akuma anini lafa Misiri keesaa isani baase, anini worra gosa Filisti lafa Kaftori keesaa baase worra Siriale lafa Kiri keesaa baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Banii Israa'elii! ana biratti worri Itoophiya'aa isinii gad hin ta'an; akkuma ani biyya Misiriitii isin baase akkasuma worra Filisxeemii Qarxeesiin keessaa, worra Sooriya'aa Qiiriin keessaa hin baafnee? baaseera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Israa'elii, isin naaf akkuma kolbaa Itoophiya'aatii motii ree? Ani akkuma Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baase, worra Filisxeemotaa biyya Kaftorii keessaa, worra Sooriya'aalle biyya Qiirii keessaa ka baasee motii ree?.