Colossians 1:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaallatamee akka gallu nu tolcheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ya jabeenna dukana keesaa nu baase, nagayaani finna Ilma isaatiini nu gahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ya jabeenna dukkanaa keessaa nu baasee nagaan finna Ilma ufii ka jaalatameetiin nu ga'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni baallii dukkanaa jalaa nu fayyise nu bitee, isallee gara jeennata jaalala Ilma isaa ka dhiifamsa cubbu'uu ittiin arganneetitti nu geesse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni baallii dukkanaa jalaa nu fayyise nu biteeti, isallee gara jeennata jaalala Ilma isaa ka dhiifamsa cubbu'uu ittiin arganneetitti nu geesse.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni huminna dukkanaatii baasee gara mootummaa Ilma isaa ka jaalatamee, akka gallu nu taasisee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaalatamee akka gallu nu tolcheera.