Colossians 1:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kiristoos Waaqa ilaan hin dhagganneef fakkeenna dhugaamessa. Inni angafa waan dadame maraa ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kristoni Waaqa imullanne fakaate Waaqa nu agarsiisa. Inni Ilma angafati, waan uumani ch'ufa ira jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kiristoon fakkeenna dhugaa ka Waaqaa hinmullanneeti. Innii angafaa, ka waan uumame cufaa irra jiruu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kiristoos fakkeenna Waaqa hin mudhanneeti. Teessoon mudhatanii fi hin mudhanne, gooftummaan, bulchuun, baalliin worra ardi'ii fi samii irra jiranillee yoo ta'an, martinuu waan isaan uumamaniif, Inni uumama maraayyuu hangafa; martinuu isaan isaaf uumameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee fakkeenna Waaqa hin mudhanneti. Teessoon mudhatanii fi hin mudhanne, gooftummaan, bulchuun, baalliin, ardi'ii fi samii irra worra jiranillee yoo ta'an, martinuu waan isaan uumamaaniif, uumama maraayyuu hangafa, martinuu isaan isaaf uumameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kristos Waaqa hin muldhaneef fakkeenna dhuga'aati. Inni'llee uumama maraa oltti, ol aana'aa fi hangafa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kiristoos Waaqa ilaan hin dhagganneef fakkeenna dhugaamessa. Inni angafa waan dadame maraa ti.