Colossians 1:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni wolde'a kiristaanaa ka nafa isaa te'eef mata'a; waan maraan ka durse te'iisaaf, du'aa ka'iisalle'een ka qaraatii fi ka jalqabaa ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni mata nafa isaati, gumi isaati: inni yayaba gumiti, Ilma angafa ka duisa keesaa kaasani, aka inni waan ch'ufa keesa fulla qara argatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee innii mataa gumii Waaqaa ta nafa isaati, innii ilma angafa du'a keessaa kaasan, ka waan cufaa irra jiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni qaama isaa jechuun, mataa Woldaa Kiristaanaati. Innillee maraa afoo ta'u'uuf, worra du'an keessaa du'aa ka'u'uun hangafa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee qaama isaa jechuun, mataa Woldaa Kiristaanaati. Innillee maraa afoo ta'u'uuf, worra du'an keessaa du'aa ka'u'uun hangafa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee qaama isaa ka taate mataa woldaya amanti'iiti, waan maraanuu durssaa akka ta'u du'aa ka'uun'llee ka duranaatii fi ka jalqabaati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni wolde'a kiristaanaa ka nafa isaa te'eef mata'a; waan maraan ka durse te'iisaaf, du'aa ka'iisalle'een ka qaraatii fi ka jalqabaa ti.