Colossians 1:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee dhugeeffanna'aan hundoottanee, jabaattanee dhaabbachu’uun, addii karaa wongeelaatiin dhageettane irraa hin tacho'ina'a. Wongeelli kunille kama isin dhageettanee fi worra biyya lafaa irra jiru maraaf lallabameeru; ani Phawuloosille tajaajilaa wongeela kanaa ta’eera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi isanileeni d'ugefacha keesa jabaattani dura yau maltani, aka yayaba Oduuni Dansaani isanii kennite iraa inchochoone, ammalle aka abdi gaafa Odu Dansa d'ageetani argattani iraa ingorre. Oduuni Dansaani ta nama lafa ch'ufati odeesani tana; anini Pauloleeni ya hojattu isii tahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf isaniilleen dhugeeffachaa keessatti jabaattanii duraatti yaa'uu maltan, akka yayyaba oduun dansaan isanii kennite irraa hin chochoone, ammallee akka abdii gaafa oduu dansaa dhageettan argattan irraa hin gorre. Oduun dansaan nama lafa cufaatti himan tana; anin Phaawulloos ya hojjataa isii ta'ee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kun hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Dubbii Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanti'iin dhaabattanii yoo jiraattan isinii ta'a. Dubbiin Nagayaa sunillee uumama sami'ii gad jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee ka ta'u hunddoofttaniitii fi midhaaffattanii abddii wongeelaan argameen uduu hin raafamin, amanti'iin jabaattanii yoo jiraattan qofa, wongeelli kun'llee Kama isin dhageettanii fi namoota biyya lafaa irra jiran maraaf ka lallabame, ani Phaawulos'llee tajaajilaa ka ta'e wongeeluma kanaaf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee dhugeeffanna'aan hundoottanee, jabaattanee dhaabbachu'uun, addii karaa wongeelaatiin dhageettane irraa hin tacho'ina'a. Wongeelli kunille kama isin dhageettanee fi worra biyya lafaa irra jiru maraaf lallabameeru; ani Phawuloosille tajaajilaa wongeela kanaa te'eera.