Colossians 1:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin Oduu Gammadaa tana haga dhageettanee fi dhugummaa badhaadha Waaqaalle guyyaa hubattaneen jalqaddanee, Oduun Gammadaa tun odduu teessanitti akkuma teete, biyya lafaa duudii keessatti midhaan buusiisaa fi guddatiisatti jirti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oduuni Dansaani eebaani d'ufte lafa ch'ufa gahuu jirti, akuma gaafa isani guyya qara eeba Waaqa d'ageetani waan isii hubattani taate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma isan guyyaa qaraa ka kennamsa naasuu Waaqaa dhageettan waan innii ta'e hubattan, Oduun Dansaan eebbaan dhuftee lafa cufaa ga'uutti jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunillee akkuma adunyaa maraa gaye, gara keessanillee gayeera. guyyaa Ayyaana Rabbii dhuga'aan dhageettanii fi beettan irraa jalqabee akkasuma akkuma isin keessallee jiru, akkasuma adunyaa irratti daraaraa daraara'aa guddata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunillee akkuma adunyaa maraa gaye, gara keessanillee gayeera. Ayyaana Rabbiillee dhuga'aan guyyaa dhageettanii fi beettan irraa jalqabee, akkasuma akkuma isin keessallee jiru, akkasuma adunyaa irratti daraaraa daraara'aa hin guddata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin yeroo wongeela itti dhageettanii fi dhugaa ta'uu kennaa Waaqaa ka bilisaa'llee guyyaa itti hubattanii jala qabee, wongeelli kun isin jidduu akkuma ta'e biyya lafaa mara keessatti, daraaru'uu fi guddachuu irra ni jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin Oduu Gammadaa tana haga dhageettanee fi dhugummaa badhaadha Waaqaalle guyyaa hubattaneen jalqaddanee, Oduun Gammadaa tun odduu teessanitti akkuma teete, biyya lafaa duudii keessatti midhaan buusiisaa fi guddatiisatti jirti.