Colossians 1:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf guyyaa waan kana dhageennee jalqannee, isin qaroomaa fi hubantii Ayyaanaa maraan, beekkuma guutuu ka ittiin fedhii Waaqaa hubatanu akka qabaattanu isiniif daadimatiisaa fi Waaqa kadhatiisa hin lakkinne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi nu haguma waan keesani d'ageenne Waaqa isanii kad'anna. Nu Waaqa kad'anna, aka inni fed'i ufi aka dansa isani barsiisu, hubachaafi qalbi Lubbuuni isaa namaa kennitu ch'ufaani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo waan kanaatiif nu haguma waan keessan dhageennee Waaqaa isanii kadhachuu hinlakkimne, nu akka Waaqii fedhii ufii akka dansaa isan barsiisu, qaroomaa fi qalbii Hafuurii Qulqulloon isaa namaa kennu cufaa akka isaani kennu Waaqaa isanii kadhanna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhageenne irraa jalqabnee, akka fedha beekkumsa isaa, ogummaa Ayyaanaatii fi sammuu keessanii hubannaa akka kennu waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhagenne irraa jalqabnee, fedha beekkomsa isaa ogummaa Ayyaanaa hubbannaa sammuu keessan maraa akka isinitti guutuuf waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf kana guyyaa itti dhageennee jala qabee isin ogummaa hafuuraya'aa fi hubannaa maraan, fedhii Waaqaa ka hubattanii beekkomissa guutuu akka qabaattaniif, isinii kadhachu'uu fi Waaqa gaaffachuu irraa nu'u addaan hin kunne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf guyyaa waan kana dhageennee jalqannee, isin qaroomaa fi hubantii Ayyaanaa maraan, beekkuma guutuu ka ittiin fedhii Waaqaa hubatanu akka qabaattanu isiniif daadimatiisaa fi Waaqa gaafatiisa hin lakkinne.