Colossians 2:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin waan isaan jirtanuuf haqanqabaa qabattaneertan; haqanqabaa qabatuun keessan kunille namummaa foonii cubbicha balleessiisaaf ka Kiristoosiin te'e malee, ka harka namaatiin te'ee moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isa keesa qabanqaba isani qabani, qabanqaba nami tolchuuniti ammo qabanqaba Kristoti, ta jabeenna nafa dabdicha kana jala nama baasu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus waliin nafa tokko waan taataniif dhaqaanqabaa ya qabattan. Dhaqanqabaan kun ammoo foon cubbuu karaa Yesusiitiin balleessuu malee, dhaqaanqabaa namaan tolfamteeniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namummaa foonii mulqatu'uun, Kiristoosiin keessatti gadoomu'uun, gadooma harkaatiin uduu hin taane isa keessa taatanii gadoomtaniirtan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namummaa foonii mulqatu'uun Kiristoosiin keessatti gadoomu'uun gadooma harkaatiin uduu hin taane isa keessa taatanii gadoomtaniirtan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isatti'llee amanuu keessaniin gadoomittanii jirttan, gadoomuun keessan kun'llee cubbamaa amala foon keessan isiniif dhabamasiisu'uuf, Kristosiin ka taasfame malee harka namaa titti ka taasfamee miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin waan isaan jirtanuuf haqanqabaa qabattaneertan; haqanqabaa qabatuun keessan kunille namummaa foonii cubbicha balleessiisaaf ka Kiristoosiin te'e malee, ka harka namaatiin te'ee moti.