Colossians 2:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni barreeffama beenya'aa ka seera keessa jiru, ka nu himataa nu'uun mormaa ture san balleeseera; fannoo irralle'etti diree nu irraa balleesseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ya gati hamtu nu qamnu balleese, seera isii ch'ufale balleese, mukha maskali gubbati fannise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kiristoon ya gatii hamtuu nurraatti barreessanii fi seera isiillee cufaa balleessee, mukaa fannoo irraatti fannise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka nu irra ture ka nu mormu, ka ajajaan barreeffame barreeffama gati'ii jissee fannoo irratti dhayee, kara'aa isa kaaseera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka nu irra ture ka nu mormu, ka ajajaan barreeffame barreeffama gati'ii jissee, fannoo irratti dhayee, kara'aa isa kaaseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni san ka nu himatuu fi nu morma ture, Seeraan ka jiru liqaa barreeffamaa ni dhabamisiise, foon irratti woraanee'llee nurra ni dhabamisiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni barreeffama beenya'aa ka seera keessa jiru, ka nu himataa nu'uun mormaa ture san balleesseera; fannoo irralle'etti diree nu irraa balleesseera.